Biyyoota addunyaa heddu keessatti labsii Ameerikaan Al-Qudsi ilaalchiftee baafte balaaleffatuun mormiin gaggeeffamaa oole
Falasxiinii fi biyyoota addunyaa heddu keessatti labsii Ameerika kan Al-Qudsi/Jerusalem “magaalaa guddoo Isra’eel”jedhu balaaleffachuun mormiin cimaan gaggeeffamaa jira. Torbaan tokko dura Traamp Imbaasii Ameerikaa Telaviiv irraa gara Al-Qudsi deebisuuf eega ajajee booda, Lammiileen Falasxiin mormii kan jalqaban yoo tahu, mormiin isaanii kun biyyoota idi-laddunyaa baay’ee irraayis deeggarsa cimaa ta’ee argatee jira.
Guyyaa har’aa lammiileen Falasxiin Magaalaa Al-qudsi masjiidal Al-Aqsaa keessatti Salaata jum’aa eega salaatanii booda, mormii geggeessaa jiru. Haata’u malee loltoonni Isra’eel daandii magaalaa Al-Qudsi cufuudhaan boombii aaraa ummata irratti kan darbataa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun weest baank magaalota Ramaalah fi Beeytalaham keessattis lammiileen Falasxiin hiriira mormii bayan loltoota Isra’eel waliin walitti bu’aniiru. Labsii Traamp kana lammiileen biyyoota birootis mormaa jiru. Magaalota addunyaa guyyaa hardhaa mormiin keessatti geggeeffamaa jiru keessaa, Tookiyoo-Jaapaan, Mumbaayi-Indiyaa,Kuwaalalampuur-Maleezhiyaan keessatti argamu. Walgahii Ariifachiisa gamtaa biyyoota Islaamaa Isniina dabre Istaanbul keessatti geggeeffameen, Biyyoonni miseensa gamtichaa Sagaalee tokkoon labsii Traamp Cimsanii balaalefachuun, akkasumas Al-Qudsi magaalaa guddoo Falasxiin jechuun labsan. Kanuma hordofuun gamtaa Awurooppaatiifi Chaayinaa dabalatee biyyoonni addunyaa heddu labsii Ameerika kana ifatti balaaleffataa jiru.