header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Weeraraa fi Ajjeechaan Liyyuu Poolisii naannoo Somaalee Godina Harargee Bahaa keessatti raawwattu hammaatee itti fufee jira

Torbaan lameen dabran keessatti qofa aanaalee Mayyuu Mulluqqee fi Cinaaqsan irraa haleellaa liyyuu poolisiitiin yoo diqqaate lubbuu nama 65 oliittu galaafatame. Aanaalee lamaan keessatti lakkoofsi namoota madaahanii akkasumas kanneen qe’ee isaanii irraa buqqifamuun rakkoof saaxilaman heddu tahuu odeeyfannoon naannicha irraa argame ni mul’isa. Torbaan lamaan darbaan godina Harargee bahaa keessa tajaajilli interneetaa kan hin jirre yoo tahu, ajjeechaa fi gochi gara jabeenyaa aanaalee godinichaa keessatti raawwatamaa jiru hedduun gabaafamaa hin jiru.

Aanaa Mayyuu Mulluqqee keessatti guyyaa Alhadaa dhukaasa Liyyu poolisiin baneen namootni 41 ajjeefamuu fi 40 ol madaa’uu jiraataan aanicha irraa dubbisne nuuf hime.

Akka Jiraataan kun jedhetti, “Jimaata darbe Waraanni Liyyuu Poolisii Dubartoota lama magaalaa Roggee keessatti ibiddaan gubdee biraa deemte, ijjoolleen gubatte daa’imman ganna 5 gadiiti, guyyaa itti aanulee deebitee nama 41 tokko nurraa ajjeefte, goochi ammaa kun kan baratamee miti, duraan dubartii ulfaa, manguddoota hin tuqan ture, amma immoo manguddoo ija hin qabne masjiida keessaatti ajjeessaan”jechuun nuuf hime.
Namoota Miidhamanii amma buufata fayyaa aanichaatti wal-aanamaa jiran jidduu jiraataan nannichaa Muhammad Siraaj Ahmed Ibraahim “bakka ciisnetti hulaa bananii manatti seenanii ”haadha warraa kiyyaa, ilmoo kiyya fi mucaa ollaa na bira jirtus na biratti ajjeesani” jedhe.

Qabeenya inni mana keessaa qabu hundaa kan saaman tahuu nuuf hime.

Itti Gaafatamaan Buufata Fayyaa Uusee Obboo Abdullaahin, Namoonni lubbuun darbe 41 tahuu, namoonni miidhaman immoo buufata Fayyaa magaalaa Uuseeti wal’anaamaa jiraatuu fi kanneen humna oli tahan immoo gara Hospitaala Gara Mul’aataati dabarfamuu nuuf mirkaneesse.

Itti dabaluunis Haalli naannicha keessa jiru hanga ammaatis Sodaachisaadha jedhe.

Namoota Aanaa Mayyuu Mulluuqqeeti ajjeefaman kanneen jidduu milishoonni Gandaa fi Poolisoonni Oromiyaatis kan keessaatti argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Aanaa Cinaaqsan Araddaalee adda addaa keessaatis torbaanuma darbe keessa weerara hamaatu geggeefamaa ture. Weerara kanaan namni 25 ol araddaalee lama irraa ajjeefamuu fi Reeffi nama 7 hanga hardhaatti kan hin argamin tahuu jiraataan aanaa Cinaaqsan nuuf hime.
Akka Jiraataan kun nuun jedhetti “Araddaalee lama irratti torbe darbe Weeraara hamatu ture, Araddaalee lamaan irraa namni hanga 25 ajjeefamee jira. Reeffa nama hedduu hanga ammaa dhabamee barbadaa jirra”jedhe.

Aaanaalee Cinaaqsan keessallee tajaajilli Intarneetaa tokkoolleen kan hin jirre tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button