header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ministeeri Haajaa Alaa Ameerikaa Reeks Tilarsan Malik Salmaan waliin mari’ate.

Malikni Sa’udi Malik Salman Bin Abdulaziiz Alhada har’aa Magaalaa  Riyaad keessatti Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa Reeks Tilarsan waliin mari’ate. Mariin Hooggantoota lamaanii dhimmoota naannichaa tii fi walitti dhufeenya biyyoota lamaanii irratti kan xiyyeeffate tahuu, gabaasni Ajansiin Odeeyfannoo Sa’udii irraa argame ni mul’isa.
Mr Tilarsan Sabtii kaleessaa Riyaad kan seenee yoo tahu, imala isaa kanaan gara Qaxar cehuun qondaaltota biyyatti waliin mari’achuuf karoorfate. Marii qondaaltota naannichaa waliin karoorfateen, rakkina biyyoota galoo galaana Arabiyaa jidduu jiru furuu irratti kan mari’atu akka ta’e gabaasni arganne ni mul’isa. Daaw’annaan amma Reeks Tilarsan naannichatti geggeessaa jiru kun, ji’a afur keessatti yeroo lammaffaati.
Reeks Tilarsan Sabtii har’aa walgayii walitti dhufeenya Mootummaa Sa’udii fi Iiraaq jidduu jiru cimsuudhaaf karoorfame irratti kan hirmaatu tahuus beekkameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button