header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ministeerri Ittisa Ameerikaa Jems Mattis taayitaa gad lakkisuu beeksise

James Mattis xalayaa hujii gad lakkisuu Waayihaawusiif barreesse irratti, Prezdaant Traamp waliin garaa garummaa Imaammataa bal’aa tahe kan qabu tahuu ibsuun, prezdaanticha waliin dhimmoota heddu irratti walii galuu  dadhabuu isaa ibse. Jeneraal Mattis Xalayaa kanaan “Traamp namoota ilaalcha isaa fudhatanii waliin hojjachuu dandayan muuduu mirga guutuu qaba”jedhe.

James Mattis taayitaa  gad lakkisuu kan beeksise tahus,  Donald Traamp gama isaatiin  “Jeneraal James Mattis Ji’a February dhufu kabajaan ni geggeefama”jechuun gama Twitter isaatiin beeksise. Haa ta’u malee Traamp Ministeerri Ittisa Ameerikaa  itti aanu eennu akka tahu hin ibsine.

Dhimmoota James Mattis fi Donaald Traamp jiddutti wal dhabdee hammeesse keessa tokko, waraanni Ameerikaa hundi hatattamaan Suuriyaa keessa akka bahu murtii prezdaant Traam dabarse tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Murtii Traamp kana qondaaltonni Ameerikaa ol’aanoon fi biyyoonni michuu Ameerikaa, karoora ifa tahe osoo hin qopheessin loltoota hunda Suuriyaa baasuun balaa hamaa qaba jechuun qeeqaa jiran. Haata’u malee Traamp haaluma wal fakkaatuun loltoota Ameerikaa Afgaanistaan keessaa baasuuf kan karoorsaa jiru tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button