header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sagantaan Muhaadaraa mata duree “Ramadaana akkamitti simanna”jedhuun magaalaa Riyaaditti  geggeeffame

Sagantaan kun Waldaa Tokkummaa Muslimoota Ityoophiyaa Magaalaa Riyaad keessatti argamuun kan qophaa’e yoo tahu, Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa fi hawaasni muslimaa biyya keenyaa magaalaa Riyaadii fi naannawa san jiraatu irratti hirmaatanii jiru.

 

Ulamaa’onni fi Ustaazonni sagantaa kana irratti argaman mata duree gara garaa irratti muhaadaraa godhanii jiru. Akkasumas haala yeroo biyya keenyaa irrattis marii geggeessuun ibsa Ijjannoo baasanii jiru.

 

Qabxiiwwan Ibsa Ijjannoo kana irratti kaahaman jidduu:

 

Waldaan Tokkummaa Muslimoota Ityoophiyaa gaaffiin mirga amantaa hawaasni muslimaa kaase hanga  deebisaa quubsaa ta’e argatutti deggarsa isaa kan itti fufu tahuu fi akkasumas gaaffii mirgaa ummanni wareegama guddaa kaafaleef mootummaan hatattamaan deebisaa akka kennu kan gaafatan tahuu ibsame.

 

Ulamaa’ota fi keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu:

 

  1. Dr. Liwaa’ulislaam (Sh/ Jaabir Abdallaah)
  2. Dr. Ahmad Abdallaah
  3. Sh/ Muhammad-huseen Fiixoo
  4. Sh/ Abdul-waasi’i Sh/Muhammad
  5. Sh/ Ahmad Al-haadii Alii Muhammad
  6. Ustaaz Umar Abdurrahmaan fi keessummoonni birootis jiraatuu beekameera.

Muhaadaraa Riyaad1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button