header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Dr Mararaa Guddinaa marsaa duraatti kan hin lakkifamne tahuu ibse

Abbaan alangaa Federaalaa guyyaa kaleessaa ibsa kenneen namoota 115 kanneen mana murtii Federaalaatti himatamanii dhimmi isaanii ilaalamaa ture, himannaan isaanii akka addaan citeefi leenjiin haaromsaa eega kennameefi booda Arba’a dhufu irraa eeggalee ni lakkifamu jechuun isaa ni yaadatama. Namoota kanneen keessaa Dura taa’aan paartii Koongrasii Federaalistii Oromoo Dr Mararaa Guddinaa kan keessatti argaman tahuu FBC gaabasee ture.

 

Haata’u malee Ministeerri Kominikeeshiinii dhimmoota Federaalaa Dr Nagarii Leencoo ibsa guyyaa har’aa kenneen, dhimmi Dr Mararaa Guddinaa boordii dhiifamaatiin eega laallamee booda kan murtaayu akka taheefi namoota amma gad lakkifaman keessa hin jiru jechuu isaa gabaasni WALTA irraa arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button