header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Saalih Muhammad Qaallittii Keessatti Dararamaa Jira.

Obboleessi yakka ajjeechaa Sheikh Nuuruu Yimaamiin himatame mana hidhaa Qaallittii keessatti dararaan hamaan irratti raawwatamuun gabaafame.

Basaastonni mootummaa Sheikh Nuuruu Yimaam Magaalaa Daseetti ofii isaaniitii ajjeessuun, Muslimoota amantaa isaaniitiin ciccimoo tahan magaalaa keessaa walitti qabuun himannaa dharaatiin adabbii hidhaa irratti murteessuun ni yaadatama.

Muslimoota galmee kana jalatti himataman jidduu, adabbiin hidhaa waggaa 15 itti murteeffamee mana hidhaa Qaalittiitti kan argamu, Saalih Muhammad masjiida mana hidhaa keessatti argamu keessatti da’waa goote jechuun guyyaa kaleessaa kutaa dukkaanaatti galfamee dararaan kan irratti raawwatamaa jiru tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Saalih Muhammad kanaan duras halkan ka’ee osoo salaataa jiru, mana hidhaa keessaa miliquuf yaale jechuun poolisoonni kan dararaa hamaa irratti raawwatan yoo tahu, ammas sababaa da’waa goote jedhuun kutaa dukkanaa keessatti kan dararaan irratti raawwatamaa jiru tahuun beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button