header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Robert Mugaabeen Sagantaa eebbaa magaalaa guddoo biyyattii Haraaree Keessatti qophaa’e irratti argame.


Prezadaant Mugaabeen eega Roobii dabre too’annaa waraana biyyattii jala oolee asitti, yeroo jalqabaatiif ummatatti mul’ateera. Mugaabeen Jum’aa har’aa Sagantaa eebbaa magaalaa guddoo biyyattii Haraaree Keessatti qophaa’e irratti argame.

Robert Mugaabeen Roobii dabre irraa jalqabee waraana biyyattiitiin mana keessaa akka hin baane dhoorkamee ture. Prezadaant Mugaabeen taayitaa isaa haadha manaa isaatiif dabarsuudhaaf jecha itti aanaa isaa eega ari’ee booda, waraanni biyyattii jidduu seene.
Guyyaa kaleessa ammoo Waraanni biyyattii Mugaabee waliin mari’ataa akka jiru kan beeksise yoo ta’u, mariin akkuma xumurameen ummaataaf akka ifa godhu ibsuu isaa gabaasni Rooyters irraa argame ni mul’isa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button