header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Koree Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Sanada kijibaa irratti mallatteessuu didan.

Ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee miseensonni Koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa afran mana hidhaa keessatti hafan, sanada dhiifamaa mootummaan akka irratti mallatteessanii mana hidhaatiii bayaniif qopheesse kan kuffisan tahuun beekkame.

Waraqaan mootummaan akka Ustaazonni irratti mallatteessaniif qophaaye”Yakka shororkeessummaa irratti bobbaane turreef mootummaa fi ummata dhiifama ni gaafanna” kan jedhu yoo tahu, miseensonni koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa nuti yakka tokkoyyuu hin raawwanne waraqaa kanas hin mallateessinu jechuun kan didan tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button