Godina Baaleetti Ummanni magaalaa Roobee hiriira deeggarsa ummata Walloo geggeessaa jira
Uammanni Godina Baalee magaalaa Roobee haleellaa Liyyuu hayliin Amaaraa fi hidhattoonni naannichaa ummata Oromoo Walloo irratti geggeessaa jiran balaaleffatuun hiriira guddaa kan geggeessaa jiru tahuun beekameera.
Hiriira deeggarsaa ummata Walloo kana irratti haawwaliin, abbootiin, barattootaa dabalatee hawaasni magaalattii lakkoofsaan guddaa tahe kan hirmaate yoo tahu, ajjeechaan ummata Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu gaafatanii jiru.
Dabalataanis hirmaattonni hiriirichaa waraanni ummata Oromoo Walloo irratti sababa eenyummaa isaanii qofaaf, dhaabbilee siyaasaa naannoo Amaaraatiin qindaayee geggeeffamaa hatattamaan akka dhaabbatee, qondaaltonni naannichaa gocha kana keessaa harka qabanis seeratti akka dhiyaatan gaafatan.
masha alha jabdha isni
masha alha jabdha isni wajii Jiraa galtaa rabbii
Appilikeeshiiniin nuural hudaa ijaaf gurra muslimaati!!!!!!!!!!