header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

“‹”‹Sheikh Jamaal Baddeeysaa  (Abuu Saalih) biyya baqaa irraa gara biyyaa galan

Godina Harargee Lixaa magaalaa Baddeeysaa keessatti Imaamaa fi Khaxiiba kan turan Sheik Jamaal Baddeessaa, waggaa 7 dura roorroo mootummaan  jalaa dheessuun biyya Ormaa keessa  turan.  Sheik Jamaal jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhate hordofuun ganama har’aa gara biyyaa galanii jiru. Sheik Jamaal har’a ganama yeroo buufata Xiyyaara Boolee gahanitti Aalima guddaa Dr Jeeylaan Khadiir dabalatee namoota hedduun simatamaniiru.

 

Sheik Jamaal Baddeeysaa turtii isaanii kan waggaa 7 kanatti Biyya Sa’uudii Maktaba Da’iwaa Rabwaa keessatti   kitaabota adda addaa afaan keenyatti deebisuun, akkasumas vidiyoo fi Sagaleen qopheessuun karaa  miidiyaalee hawaasaatiin ummata biraan gahaa turan. Dabalataanis yeroo Hajjii  hujjaajota biyya keenyaa keessumeessuun tajaajilaa turan.

Sheik Jamaal2

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button