header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ministeeroonni Kaatalooniyaa duraanii saddeet Ispeenitti hidhaman.

Manni murtii Ispeen Ministeeroota Kaatalooniyaa saddeet sababaa labsii Walabummaatti cichaniif kan hidhe tahuu  BBC’n gabaase. Ministeeroonni Kaatalooniyaa kunniin ajaja mootummaa Ispeeniin gaafii  deebisuuf gara Maadriid kan deeman yoo tahu, abbootiin alangaa mootummaa Ispeen, gaafii akka hidhaman abbaa murtiitiif dhiheessaniin akka ta’e gabaasni kun ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun Abbaan alangaa mootummaa Ispeen, Prezdaantii Kaatalooniyaa duraanii Karles Pijmonti dabalatee, qondaaltota biroo afur kanneen yeroo ammaa Ispeeniin ala jiran, akka qabamaniif gamtaa Awurooppaa gaafate.

Torbaan darbe keessa Paarlaamaan Kaatalooniyaa Ispeen irraa walaba bayuu eega labsee booda, Mootummaan jiddu galaa Ispeen Paarlaamaa fi Bulchiinsa Kataalaan diguun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button