header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan lammiilee Sa’uudii 17 kanneen ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii keessaa harka qaban jetteen irra qoqqobbii keette

Ameerikaan Itti gaafatamaa qonsilaa Istanbul  kan duraanii Muhammad Al-Uteeybii dabalatee namoota 17 ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii keessaa harka qaban jedhaman irratti qoqqobbii kan keette tahuu ibsite.  Qoqqobbii qondaaltota Sa’uudii irra kaahame jidduu,  qabeenyi isaanii akka hin sochoone, namoota kanneenii fi dhaabbilee isaanii waliin walii galteen kamiyyuu akka hin godhamnee fi namoonni kunniin gara Ameerikaa akka hin seenne kan jedhu keessatti argama.

 

Gama biraatiin ammoo Khamiisa har’aa Abbaan Alangaa mootummaa Sa’uudii ibsa kenneen, namoota ajjeechaa Jamaal Khaashoqjiitiin shakkaman jiddu  shan du’aan akka adabaman mana murtii kan gaafate tahuu beeksise. Mootummaan Sa’uudii ibsa har’aa kanaan , “gareen qondaaltota tikaa Jamaal Khaashoqjii gara biyyaatti akka deebisuuf ergame”jedhe.  Ibsa mootumaa Sa’uudii kana hordofuun ministeerri haajaa alaa Turkiyaa yaada kenneen, “Sa’uudiin ammas qondaaltota ol’aanoo ajjeechaa kana ajajan dhoksuuf jecha ibsa waldhahaa kennaa jirti, nama lubbuun gara biyyaatti deebisuudhaaf meeshaalee ittiin qalan qabatanii bobba’uun dubbii hin fakkaanne”jechuun qeeqe.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button