header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kooriyaan Kaabaa ijaarsa buufata Niwukilarii addaan kuttee turte deebistee jalqabuu gabaafame

Marii bara dabre Donaald Traamp fi Kim Jong-un Singaapoor keessatti geeggeessan irratti, Kooriyaan Kaabaa buufata Niwukilarii Sohae jedhamu diiguuf waadaa galtee turte. Qondaaltonni basaasa Kooriyaa Kibbaa ibsa har’a baasaniin akka jedhanitti ammoo, Kooriyaan Kaabaa mariin torbee dabre Ameerikaa waliin geggeessite eega fashalee booda, ijaarsa buufata kanaa deebistee jalqabuu ragaalee saatalaayitii irraa argameen kan mirkanaahe tahuu himan.

 

Donaald Traamp fi Kim Jong-un dhimma Niwukilarii Kooriyaa kaabaa irratti mariin yeroo lammaffaatiif Veetnaam magaalaa Hanooy keessatti torbee dabre geggeessan, walii galtee malee xumuramuun ni yaadatama.

 

 

 

2 Comments

  1. wa’ee finfinnee kanaaf nommoni oromoo bayyeen dhumani turan kanafuu qerroon oromo kutalee oromiyaa hunda kessa jiratan falmuu akka qaban asumaaniin dhamsa koo dabarsuu barbade.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button