header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gamtaan Ulamaa’ota Harargee Ibsa Koreen Jijjiirama Dhaabbilee Hawaasa Muslimaa baase ilaalchisee ibsa ijjannoo qabxii afur qabu baase

Koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa miseensoota 9 qabu ibsa Kamiisa dabre baase irratti hojii hojjataa ture akka xumuree fi Ebla 23 ammoo korri Ulamaa’onni fi hayyoonni 300 irratti hirmaatan kan  geggeeffamu tahuu beeksise.

Ibsa kana ilaalchisee gamtaan Ulamaa’ota Harargee Sheikh Aadam Tuulaatiin durfamus ibsa ijjannoo qabxii afur qabu baase jira.

Qabxiileen kunniin:

1.Qaamni mootummaa hoggantoota Majliisa seeraan alaa waliin harka wal keessaa qaban akka irraa of qulqulleessan.

 

2.Hoggantoonni Majliisa seeraan alaa badii raawwataa turan seeratti akka dhiyaatan.

 

 

3.Walgahii Ebla 23/2011 Hoteela Sharaatanitti geggeeffamu kan Ulamaa’onni 300  irratti hirmaatan irratti, gaaffiin ummanni muslimaa waggaa 40f gaafataa ture deebisaan qubsaan akka keenamu. Yoo kun hin tahin Ummanni mormii jalqabe akka itti fufu.

 

4.Nuti muslimoonni Ityoophiyaa tokko waan taaneef  maqaa  Sufiyaa, Salafiyaa jedhanii nutti moggaasuun akka dhaabbatu gaafanna jedhan.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button