header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Bulchiinsi Falasxiin Konfiransii Diinagdee Baha Jiddu Galaa Ameerikaan qopheessaa jirtu irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksise

Ameerikaan Konfiraansii Diinagdee Baha Jiddu Galaa irratti xiyyeeffatu baati dhuftu Bahreeyn keessatti geggeessuuf kan qophaayaa jirtu yoo tahu, bulchiinsi Falasxiin konfiransii kana irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksise. Qondaalli olaanaan bulchiinsa Falasxiin Saa’ib Erkaat ibsa har’a kenneen akka jedhetti, “Biyyoota konfiransii Ameerikaan qopheessaa jirtu kana irratti hirmaachuu fedhan qeequu hin barbaadnu, haata’u malee fedhii Israa’el hunda guutuuf jecha dhiibbaa hamaa Ameerikaan Falasxiin irratti geggeessaa jirtuun wal qabatee bulchiinsi Falasxiin Konfiraansii kana irratti gonkumaa hin hirmaatu”jedhe.

 

Mr Erkaat itti dabaluudhaanis, “Mootummaan qabsoo Falasxiin deeggaruu barbaadu kamiyyuu kaayyoo fi fedhii lammiilee Falasxiin qofa irratti hundaayuun nu deeggaruu qaba, kanaan alatti biyyi kamuu Ameerikaa gammachiisuuf jecha ummataa fi bulchiinsa Falasxiin bakka bu’uun dubbachuudhaaf mirga hin qabu”jedhe.

 

Ameerikaan Alhada dabre “konfiransii diinagdee karoora nageenya baha jiddu galaa deeggaru”jechuun moggaaste,  Manaamaa keessatti kan geggeessitu tahuu beeksiste. Bahreeyn gama isitiin, konfiransichi kaayyoo diinagdee Falasxiin jajjabeessuutiin alatti karoora dhoksaa hin qabu jechuun himte. Haata’u malee bulchiinsi Falasxiin, konfiransichi karoora Ameerikaan maqaa nageenyaatiin dachii Falasxiin guututti Israa’elii mirkaneessuuf itti qophaayaa jirtu jechuun ibsaa jira.

 

Hanga ammaatti Bahreeyn dabalatee Sa’uudii fi Emreets konfiransii Ameerikaan qophaaye kana irratti kan hirmaatan tahuu mirkaneessanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button