header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Lammiileen Briteen mana maree biyyattii keessatti bakka bu’oota isaanii filachuuf sagalee kennaa jiran

Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii galtee dhabuun danqaa hamaa keessa turuun isaa ni beekama. Haaluma kanaan muummittiin Ministeera biyyattii duraanii Teresaa Meey, murtee ummataa kana akkaataa Briteen hin miidhamneen raawwachiisuuf paarlaamaa irraa deeggarsa dhabee jira jechuun aangoo gadi lakkifte.

Kanuma hordofuun Paartiin Conservative July dabre Boris Johnson muummicha ministeeraa godhee kan filate tahus, Mr Johnsonis haaluma wal fakkaatuun paarlaamaa irraa deeggarsa dhabuu isaatiin filannoon walii galaa ariifachiisaan geggeeffamee, mootummaan haarayatti akka hundeeffamu murteesse.

Filannoo miseensota Paarlaamaa ariifachiisaa (snap election) guyyaa hardhaa geggeeffamaa jiru kanaan, Paartiin Labour jedhamu, Kan Jeremy Corbyn hogganu, morkataa cimaa tahuu bu’aa dhaabbilee yaada ummataa madaalan irraa argame eeruun miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiran.

Paartiin Labour filannoo kana injifatee mootummaa yoo kan hundeessu tahe, dhimma Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu irratti, lammiileen Briteen irra deebiin sagalee akka kennan haala kan mijeessu tahuu ibse.

Hogganaan Paartii Labour Jeremy Corbyn waggaa 30 ol ifatti qabsoo Falasxiinota deeggaruun kan beekamu tahuu isaatiin wal qabatee, filannoon Biriiteen kun qalbii biyyoota hedduu hawatee jira. Kessummattuu Israa’el filannoo ammaa kanaan Paartiin Labour injifatee Corbyn muummicha ministeeraa tahuu danda’a jechuun gamanumaa sodaa qabdu ibsataa jirti.

Lammiileen Briteen miliyoonni 45 ol filannoo kana irratti sagalee kennuuf kan galmaayan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

filannoo briteen

Back to top button