header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Riqicha Daawwitii irraa hojjatamerra qaxxaamurtuu?

Akkuma beekamu riqichi sibiilaafii dhakaa jajjabaan ijaarama. Ummanni baadiyaatis wayta riqicha ijaarratu, jirma gurguddaa humna jabaa qabu walitti hidhee ittiin ijaara. Chaayinaa keessatti riqichi tokko daawwitii irraa ijaaramuu quba qabduu?

Riqichi kun biyya chaayinaa daggala guddaa tokko keessatti gaara 2 jiddutti ijaarame. Lafarraa ol fageenyi isaa  Meetira 300 yoo tahu, caafii irraa caafatti ammoo Meetira 430 dheerata. Akkasuma meetira 6 bal’ata. Dizaayinni riqicha kanaa kan qophaahe, Diizaayinara lammii israa’el tahe nama Haim Dotan jedhamuun yoo tahu, walumaa galatti ijaarsaaf baasiin itti bahes Doolaara Ameerikaa Miiliyoona Sadihiif Kuma Dhibba Afur ($3.4 M) ture.

Riqichi kun daawwitii Haalaan yabbuu (furdaa) tahe 99, dachaa 3 walirra kaayuun hojjatame. Guyyaa tokkotti Tuuristoota 8,000 qofatu akka irra bahan hayyamama. Namoonni heddu wayta riqicha kanarra bahanii gubbaa gadi laalan, miila ofii jalaan hallayyaa guddaa waan arganiif sodaatanii harkaan lafa qabatu. Ogeeyyonni eega riqichi kun hojjatamee xumuramee booda yaaliidhaaf makiinaa irra oofanii jabeenya isaa mirkaneessanii jiru.

Wantoota South Korea (Kooriyaa Kibbaa) keessatti aadaa tahan

Kooriyaan Kibbaa biyya ammayyummaa fi aadaan wal simee keessatti argamuudha. Teeknolojiin warra dhihaa, aadaa jabaa biyyoota bahaatiin wal makee keessatti argama. Namni gara biyya kanaa imale,  wantoota ajaa’ibaa heddu arguu hin oolu. Fakkeenyaaf, dubartootni ulfaa gargaarsa ajaa’ibaa mootummaarraa argatu. mootummaan Kooriyaa kibbaa dubartoota ulfaatiif Kreedit kaardii doolaara 500 qabu akka badhaasaatti kenna. Akkuma beekamu dubartiin takka eega ulfooytee booda, baasii hedduutu isii barbaachisa. Baasiiwwan isii barbaachisu kanaaf akka hin rakkanneef, mootummaa irraa gargaarsi kun godhamaaf.

Dabalataan dubartoonni ulfaa awtobisa (Bus) ummataa fi baabura geejjibaa akka fayyadamaniif haalli addaa isaaniif mijaawee jira. Awutobisaafi baabura geejjibaa hunda keessatti, teessoo halluu Piinkii qabutu kophatti qophaaya. Teessoo halluu Pink qabu kana dubartii ulfaa malee namni tokkollee itti hin dhihaatu.

Fooqii gurguddaa fi iddoowwan daldalaa heddu fuuldurattis, Paarkiingiin ykn bakki makiinaa dhaaban dubartoota ulfaatiif kophatti qophaahee halluu piinkii dibamee jira. Makiinaa dubartii ulfaa malee, makiinaan biro tokkollee bakka kana dhaabbachuu hin dandahu. Iddoo paarkiingii isaaniif qophaahe kana, gaafa ulfaayan irraa kaasee hanga daa’imni isaanii baatii 6 guututti fayyadamuu mirga qabu. Sababaa kanaaf kooriyaa kibbaa keessatti dubartiin ulfaatiifi dubartiin daa’ima baatii 6 gadii qabdu, iddoo paarkiingii dhabdee hin rakkattu.

Kooriyaan kibbaa barnootaaf bakka guddaa kenniti. Lammiileen biyyattii hundi barachuun isaanirratti dirqama. Barattoonni hayiskuulii ykn barattoonni sadarkaa lammaffaa haga halkan qixxee barumsarra turu. Barattoonni elementary ammoo, akka sa’aa biyya keenyaatti ganama sa’aa 3 irraa hanga galgala sa’aa 12 baratu. Kana jechuun eega lafti bariitee barumsa eegalanii, hanga magriibni gahutti barumsumarra turu jechuudha. Barattoonni sadarkaa jiddu galeessaa ammoo halkan saa’aa 4tti barumsarraa gara manaa galu. Barattoonni sadarkaa ol aanaa ammoo haga halkan saa’aa torbaa barachuuf dirqamu. Sababa kanaaf manneen kitaabaa saa’aa 24 banaadha. Kooriyaa kibbaa keessatti sa’aan hundi sa’aa barnootaati. Namni barachuu fedhu kitaaba dhabee hin rakkatu.

 

 

Back to top button