header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni koree hawaasa Muslimaa hidhaa irra jiran guyyaa boruu ol iyyannoof mana Murtii Federaalaatti kan dhiyaatan tahuun beekame

Itti gaafatamaa Subqunnamtii koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa kan ta’e Ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee, bakka bu’oonni hawaasa muslimaa galmee Ustaaz Abubakar Ahmad jalatti himatamanii hanga ammaa mana hidhaa Qallittii keessatti dararamaa jiran afran, Arba’aa boruu mana murtii ol’iyyannaa Federaalaa Sidist Kilootti argamutti kandhiyaatan tahuun beekkame.

Waggaa lamaan dura Manni murtii ol’aanaa federaalaa murtii hidhaa isaan irratti dabarsee ture barreeffamaan kennuu didduu isaatiin, ol’iyyannaa gaafachuun osoo hindanda’amin ture. Sochii cimaa miseensonni koree mana hidhaa irraa bahan taasisaniin Sadaasa 27/2010 galmeen isaanii kan baname tahuun niyaadatama. Kanuma hordofuun bakka bu’oonni hawaasa muslimaa mana hidhaa keessatti hafan, murtii hidhaa himannaa dharaatiin isaan irratti dabree hanga ammaatti mana hidhaa keessatti ittiin dararamaa jiran mormuudhaan ol’iyyannoo gaafatanii turaniif, abbaa alangaa waliin mormii akka taasisan manni murtichaa Arba’aa boruu Ammajjii 30/2010tti akka dhihaatan ajaja dabarse.

Bakka bu’oonni hawaasa muslimaa guyyaa boruu mana murtii ol’iyyannatti dhihaatan, Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Ahmad Musxafaa, Ustaaz Muhammad Abaata fi Khaliid Ibraahiimi.

Haaluma kanaan hawaasni muslimaa bakka bu’oota isaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiran du’aa’iin akka yaadatuu fi guyyaa boruutis mana Murtichaatti argamuudhaan hamilee isaanii ni jajjabeessa jedhamee eeggama.

 

Back to top button