header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaa

Turkiyaan Xiyyaarri waraanaa Suuriyaa keessatti jalaa kufuu beeksifte

Xiyyaarri waraana Turkiyaa Suuriyaa naannawa magaalaa Afriin keessatti kan kufe tahuu prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan beeksise. Prezdaant Erdogaan Sabtii har’aa walgahii dhaaba biyya bulchaa jiru irratti haasawa godheen “sa’aa muraasa dura Xiyyaarri waraana Turkiyaa tokko magaalaa Afriin cinatti kufee jira, sababni balaa kanaa qoratamaa kan jiru yoo tahu, duulli finciltoota Kurdi irratti jalqabame cimee kan itti fufu ta’a”jedhe. Turkiyaan finciltoota Kurdi kanneen Ameerikaan deeggaramuun Suuriyaa naannawa Afriin keessa  maandheffatan  irratti duulaa lafoo fi qilleensa irraan kan bante tahuun ni yaadatama.

 

Gama biraatiin ammoo Isra’eel Xiyyaarri waraana isii F-16 jedhamu misaa’ela waraana mootummaa Suuriyaatiin rukutamee kan kufe tahuu beeksifte. Qondaalli waraana Isra’eel tokko akka jedhetti, Xiyyaarri waraana Isra’eel buufata waraana Iiraan kan Suuriyaa keessa jiru rukutaa osoo jiru, Misaa’ela ittisa qilleensa Waraana Suuriyaatiin rukutamee kan kufe tahuu hime. Qondaallli kun itti dabaluudhaan waraanni Isra’eelis Droonii Waraana Iiraan kan daangaa biyyattii cabsee seene rukutee kan kuffise tahuu hime.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button