header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yeroon filaannoo hoogantoota majlisa Itiyoophiyaa akka dheereeffamu gaafatame.

Hooggantoonni majlisaa filaannoo bara 2005 bulchiinsa gandaa keessatti godhuun aangoo eegaa qabatanii booda, filannoon itti aanu waggaa 10tti akka geggeeffamu murteefamee ture. Haata’uu malee mootummaan mormii guutuu biyyattii keessa yeroo ammaa kana itti kahe kallattii biroo qabsiisuuf filaannoon majlisaa amma akka geggeeffamu kan ajaje yoo tahu, hooggantooni majlisaa amma aangoo irra jiran yeroon akka dheereefamu jechuun gaafataa jiraatu odeeffannoon argame ni mul’isa.

Mootummaan immoo gama isaatiin sababa yeroon dheaatuu kanaan mankaraaristoonni harka keessa galfatuu wan danda’aniif, filannoon ariitiin akka geggeeffamu jechuun gaaffii isaan dhiheessan kan irratti dide tahuunis beekameera.

Majliisni Muslimoota Itoophiyaa bara 1987 booda harka mootummaa galuun, ummata muslimaaf tajajilu caalaa fedhii mootummaa guutuu irratti kan hojjataa jiru yoo tahu, Gaaffii ummanni muslimaa majliisni akka ummataaf tajajiluu qabu dhiheessaa jiran dhagahuu diduun, ammas filannoo hooggantoota majliisichaa dhoksaan geggeessuuf kan socho’aa jiran tahuus odeeffannoon ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button