header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Awustiraaliyaan Jerusalem gamni lixaa magaalaa guddoo Israa’el tahuu beekkamtii kennuu beeksifte

Muummichi ministeera Awustiraaliyaa Scott Morrison ibsa kennen, teessumma Paarlaamaa fi dhaabbilee mootummaa Israa’el kan taate magaalaan Jerusalem gamni dhihaa, magaalaa guddoo biyyattii tahuu Awustiraaliyaan beekkamtii kennuu ibse. Muummichi ministeeraa karoora Imbaasii Telaviiv irraa gara Jerusalemitti deebisuuf qabatee ture ammoo kan haqe akka taheefi, haata’u malee waajjiraaleen hariiroo daldalaa fi dhimmoota nageenyaa biyyoota lamaanii irratti hojjatan Jerusalem keessatti kan banaman tahuu beeksise.

 

 

Morrison ibsa isaa kanaan,mootummaan isaa furmaatni wal dhabbii Israa’el fi Falasxiin biyyoota walabaa lama ijaaru yaada jedhu kan deeggaru tahuu dubbate. Dabalataanis  Awusrtiraaliyaan Jerusalem gamni bahaa magaalaa guddoo Falasxiin akka taatu mul’ata Falasxiinotni qaban kan deeggaru tahus, hanga walii galtee qaamota lamaaniitiin murtaayyutti garuu beekkamtii kan hin kennine tahuu ibse.

 

Murtii muummicha ministeera Awustiraaliyaa kana biyya keesaa fi alattis mormiin cimaan irratti ka’ee jira. Hogganaan paartii mormituu Awustiraaliyaa  Penny Wong,  murtiin Scott Morrison dabarse kan bu’aa hin qabne tahuu ibsuun, ejjannoo biyyattii kan yeroo dheeraa fedhii siyaasaa rakasha ta’een kan jijjiire jechuun qeeqxe. Scott Morrison ji’a October dabre yeroo duula na filadhaa geggeessaa ture, wal tajjii Yahuudotani magaalaa Sydney qopheessan irratti,  Yahuudotni Awustiraaliyaa sagalee isaanii paartii isaatiif yoo kan kennan tahe, muummicha ministeeraa tahee akkuma filatameen Imbaasii Telaviiv irraa gara Jerusalem kan jijjiiru tahuu waadaa galee ture.

 

Karoora muummicha ministeeraa kana jalqabuma irraa biyyoota ollaa Awustiraaliyaa kan tahan Indoneezhiyaa fi Maleezhiyaa irraa mormiin cimaan muudatee jira. Haaluma kanaan Indoneezhiyaan hariiroo daldalaa fi nageenyaa  biyyattii waliin qabdu kan addaan kutte tahuu ibsuun, dhiheenyatti murtiiwwan dabalataa kan fudhattu tahuu ibsite. Maleezhiyaanis gama isiitiin murtiin kun kan isii dallansiise tahuu ibsuun, murtichi Awustiraaliyaa  gatii guddaa kan kafalchiisu tahuu beeksifte.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button