header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Trending

Godina Walloo Kaabaa magaalaa Marsaatti namoonni 10 ajjeefaman

Haleellaa Waraanni Makkalaakayaa Sabtii hardhaa naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa magaalaa Marsaatti ummata hiriira bahe irratti raawwateen, namoonni 10 ajjeefamu fi namoonni hedduun midhamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Fincila kaheen  Waajjiraalee mootummaa fi manneen hedduun gubamuu akkasumas hidhamtoonni manneen hidhaatii akka bahan kan taasifaman tahuu gabaafameera.

Ka’umsi fincila hardhaa kun ajjeechaa waraanni Makkalaakayaa torbee darbe keessaa magaalaa Waldiyaatti raawwate balaaleffachuun mormii gaggeeffamee tahuun beekameera.

Namoota guyyaa hardhaa ajjeefaman keessaa itti gaafatamaan  mana murtii Aaanaa Habruu namoota hiriira bahan irratti dhukaasuun namoota sadi eega ajjeesseen booda innis kan ajjeefame tahuu DW jiraattota naannawa irraa duubbise waabeffachuun gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button