header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Haleellaan Boombii Magaalaa Kaabul keessatti raawwatame, lubbuu namootaa 10 ol galaafate.


Haleellaa boombii Hoteela magaalaa Kaabul keessatti argamu irratti xiyyeeffateen, yoo xiqqaate lubbuu namoota 10 kan galaafate tahuu, aangawwoonni nageenya Afgaanistaan beeksisan. Haleellaan kun kan raawwatame Khamiisa har’aa yoo tahu, namoonni ajjeeffaman irra hedduun isaanii Poolisoota akka tahan gabaasni arganne ni mul’isa.

Dubbi himaan Poolisa Afgaanistaan Baasir Mujahid, Anaadooluu Niwuusiif akka himetti, namichi boombii hidhate tokko gara Hoteela Qasr-e-Naveen jedhamuu seenuuf yeroo yaaletti poolisootaan waan qabameef, battalumatti boombicha dhoosuun, poolisoota torbaa fi namoota nagayaa lama ajjeesse. poolisoota biroo torba ammoo ni madeesse.
Yeroo haleellaan kun raawwatametti,Hogganaa Paartii mormituu ” Jamiat-e-Islami” fi Bulchaa Kutaa Balkh kan tahe Atta Muhammad Nuur, Hoteela kana keessatti walgahii siyaasaa irra akka ture gabaasni kun ni ibsa.

Haleellaa kana hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate kan hin jirre tahuu gabaasni kun ni mul’isa.


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button