header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Himannaan Dr Mararaa Guddinaa irratti baname addaan cituun beekame.

Dhaabni Biyyattii bulchaa jiru wal gahii dhiheenya kana geggeesseen hidhamtoota Siyaasaa lakkisuuf labsii baasuun ni yaadatama. Kanuuma hordofuun Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa guyyaa har’aa kenneen, namoota 115 kanneen mana hidhaa Federaala keessatti hidhaman dabalatee, shakkamtoota 528 kan dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru himannaan isaanii kan addaan cite tahuu beeksise. Namoota kanniin keessaa 423 hidhamtoota bulchiinsa naannoo ummattoota kibbaa irraa akka tahe gabaasni arganne ni ibsa.

Namoota himannaan isaanii addaan cite kana jidduu Hogganaan Koongirasii Federaalistii Oromoo Dr Mararaa Guddinaa kan keessatti argamu tahuu gabaasni FBC irra argame ni addeessa.

Ministeerri Abbaa Alangaa Federaala Obbo Getachoo Ambaayee ibsa guyyaa har’aa kenne irratti Namoonni hiikamuuf deeman kuniin guyyaa booruu irra jalqabe leenjii haaroomsaa fudhatuun Arba’aa dhufu irraa jalqabee kan lakkifaman tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button