header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jaappaan keessatti Rooba cimaa hordofuun sigiga lafaa fi lolaa uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 38 dabre

Roobni cimaan Kibba-Lixa Jaappaan keessatti roobaa jiru kun naannawa biyyatti heddu keessatti lolaa fi sigiga lafaatiin lubbuun namaa fi qabeenyi heddu kan balleesse tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Magaalaa Heeroshimaa keessatti qofa namoonni 27 tahan balaa sigiga lafaatin kan du’an yoo tahu, ammas namoonni achi buuteen dhabamee fi kanneen  jijjigoo jalatti awwaalaman kan jiran tahuu mootummaan biyyattii beeksise.

Balaa kana hordofuun mootummaan biyyattii naannicha keessatti labsii yeroo muddamaa kan baase yoo tahu, waraanni biyyattii duula ummata baraaruu geggeessaa jira. Haaluma kanaan namoonni miiliyoona 1.5 naannicha gadhiisanii akka bahan kan ajajaman yoo tahu, dabalataanis lammiilee biyyattii miiliyoona 3 tahaniifis naannicha keessa turuun balaa kan qabu tahuu mootummaan biyyattii akeekkachiise.

 

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button