header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jaarmiyaaleen Muslimoota Itoophiyaa 3, ajjeechaa Artist Haacaaluu balaaleeffatan

Jaarmiyaaleen hawaasa Muslima Itiyoophiyaa biyya alaatti argaman 3, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti Kibxata dabre raawwatame kan balaaleeffatan yoo tahu, gadda itti dhagahame ibsatanii jiran.

Haala yeroo irratti ibsa kan kennan jaarmiyaaleen kunneen, Mootummaan qaamolee badii kana raawwatan hatattamaan ummataaf akka ifoomsuus gaafatan.

Jaarmiyaaleen kunniin Ameerikaa kutaa Virjiiniyaatti kan argamu Selam Foundation, achuma kan argamu ammaas Badr Ethiopia fi Kanadaatti kan argamu Fooramii Ulamaa Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatanii(International Forum of the Ethiopian Muslim in Diaspora) jedhamani.

Akka Badr Ethiopia ibsetti “Haacaaluu Hundeessaa namoota jijjiirama siyaasaa biyyattiitti argameef qabsaawan jidduu tokko. Ajjeechaan kun sababa inni yaada isaa walabummaan ibsateef irratti raawwatame. Kanaaf mootummaan qaamolee yakka kana raawwatan hatattamaan ummataaf ifa godhuu qaba. Seerattiis dhiheessuu qaba.” jedhe.

Itti dabaluunis jaarmiyaaleen kun mootummaan nageenya lammilee biyyattii akka eegsisuu qabu gaafatan.

3 Comments

  1. yaa rabbii dhugaa basii atii argaa dhagahadhaa
    wantii hunduu siif iftuudhaa 🤲🤲🤲🤲😭😭😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button