header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Keeniyaan Labsii Yakka karaa Interneetiin raawwatamu ittiin too’attu raggaasifte

Keeniyaan seera Yakka Saayibarii ittiin too’attu kan raggaasifte tahuu gabaasni VOA irraa arganne ni mul’isa. Wixinee seeraa ministeerri Kominikeeshiinii fi Teeknolojii biyyattii qopheesse Arba’a Kaleessaa prezdaant Uhuruu Keeniyaataa irratti mallateessuun hojii irraa oolche.
 
Labsii kanaan, karaa interneetiitiin namni yakka raawwate hanga Doolaara Ameerikaa 250,000 adabamuu akka danda’u labasame. Haaluma walfakkaatuun namoonni Odeeyfannoo sobaa karaa interneetiitiin yoo tamsaasan, labsii kanaan adabbii hidhaa waggaa lamaa yookaan Doolaara Ameerikaa 50,000 kan irratti murtaahu tahuu gabaasni kun ni ibsa.
 
Barreessitoonni odeeyfannoo karaa interneetiitiin dabarsan labsiin kun mirga odeeyfannoo argachuu irratti miidhaa fida jechuun kan falmaa jiran yoo tahu, ministeerri Kominikeeshiinii fi Teeknoolojii biyyattii garuu labsichi kan mirga odeeyfannoo argachuutiin walitti bu’uu miti jedhe. Kanaan dura seerri akkanaa kun waan hin turiniif, manneen murtii Keeniyaa namoota karaa Interneetiitiin yakka raawwatan 500 ol kan gad lakkisan tahuu ministeerri Kominikeeshiinii Keeniyaa beeksise.
Labsii Yakka Interneetii Keeniyaa
 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button