header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Rakkoo lixa Oromiyaa keessatti dhiheenya muudateen namoonni 41 ajjeefamuu ibsame

Hogganaan Poolisii Oromiyaa Komishinar Alamaayahu Ijjiguu ibsa miidiyaaleef kenneen akka jedhetti, namoota ajjeefaman jidduu 12 miseensota poolisii Oromiyaa, 27 namoota nagayaa yoo tahan, 2 ammoo qondaaltota mootummaa tahuu hime. Dabaltaanis poolisoonni 72 fi namoonni nagayaa 22 ammoo kan madaa’an tahuu ibse.

Akka Komishinar Alamaayahu jedhetti, “gocha seeraan alaa lixa Oromiyaatti muudate jiddu qawween kilaashii 2,070 waajjiraalee poolisaa keessaa kan saamame yoo ta’u, Baankii fi Waajjiraalee mootummaa keessaa birriin miiliyoonni sadii saamameera. Gareen shanee jedhamuun beekamu caasaalee mootummaa diiguun caasaa ofiitiin bakka buusuun eegalamee jiras”jedhe.

Komishiinarrichi ibsa isaa irratti, hidhattoonni Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Barbaree, Gujii fi Kuyyu keessatti poolisoota Oromiyaa ajjeesan miseensota  ABO-shanee tahuu ragaa qabatamaa qabna jedhe.

Odeeyfannoo wal qabateen, namoota maqaa Garee “Abbaa Torbee”jedhamu moogafatuun Oromiyaa iddoo adda addaatti hoggansa mootummaa fi namoota biroo ajjeesuu fi ajjeesisuu irratti bobba’an jidduu 15 too’annaa jala kan oolfaman tahuus gabaasni Biroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Oromiyaa irraa argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button