header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Arjeentinaan Tapha Kubbaa Miilaa Al-Quds keessatti Isra’eel waliin taphachuuf karoorfatte haqxe

Waldorgommii Geeba Addunyaa 21ffaa Raashiyaa keessatti geggeefamuuf qophaayuudhaaf, gareen Kubbaa Miilaa Arjeentinaa garee biyyoolessa Isra’eel waliin taphachuuf Sabtii dhufuuf karoorfatee ture. Taphni kun jalqaba magaalaa Hayifaa keessatti geggeessuuf kan karoorfame yoo tahu, mootummaan Isra’eel jidduu seenuun magaalaa Al-Quds/Jerusalem keessatti akka geggeefamuuf murteesse. Kanuma hordofuun Falasxiinonni dachii Isra’eel humnaan isaan irraa buqqiftee Istaadiyoomii ijaarte irratti akka hin taphanneef garee biyyoolessa Arjeentinaatiif waamicha godhaa turan.

Federeeshiinii kubbaa miilaa Falasxiin dabalatee gareewwan mirga Falasxiiniif falmatan dhiibbaa cimaa Taphattootaa fi Federeeshiinii Kubbaa Miilaa Arjeentinaa irratti godhaniin taphni kun kan haqame tahuu miidiyaaleen Idil Addunyaa gabaasanii jiru. Prezdaantiin Federeeshiinii kubbaa Miilaa Falasxiin Jibriil Rajab “Mootummaan Isra’eel Falasxiinota dachii isaanii irratti rasaasaan ajjeessaa amma ammoo dachuma san irratti garee jaalatamaa Addunyaa waliin tapha “michummaa”geggeessa jetti. Taphni dachii humnaan saamame irratti geggeefamu jaalalaa fi michumaa tokkollee hinqabu”jechuun mormaa ture.

Eega taphni kun haqamuun himamee booda lammiileen Falasxiin Gaazaa fi West Bank keessatti gammachuu isaanii ibsataa jiru. Federeeshiiniin kubbaa Miilaa Falasxiinis ibsa baaseen “Duudhaaleen fi mooraaliin Ispoortiin qabu moo’icha har’a Falasxiinonni gonfatan kana argamsiisee jira; tapha kana haquudhaanis Isra’eliif Kaardiin Diimaan kennamee jira”jedhe.

Taphataan Arjeen tinaa Gonzaaloo Higuween Chaanaalii ESPNf yaada kenneen “Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Arjeentinaa dhumarratti murtii gaarii dabarse”jechuun dubbate.

Muummichi ministeera Isra’eel Benjaamiin Neetaaniyaahuu taphni kun akka hin hafneef prezdaantiin Arjeentinaa bilbilaan kan kadhate tahus hin milkoofne. Qondaalonni Isra’eel Arjeentiinaan dhibbaa Falasxiinotaaf harka kennatte jechuun gadda isaanii dhageessisaa jiru.

Gonzaaloo Hugiyen

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button