header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaan buufata Asab fayyadamuuf sochii jalqabde

Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa obbo Mallas Alam har’a ibsa kenneen, “Itoophiyaan buufata Asab fayyadamuuf sochii jalqabdee jirti”jedhe. Sochiilee qabatamaan jalqabaman jidduu Suphaan Daandii gara buufata Asab geessuu kan geggeefamaa jiru tahuu beeksise. Waldhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu ture hordofuun waggoota digdamman dabraniif Itoophiyaan buufata Doonii Jibiituu fayyadamaa turuun ni beekama.

Dabalataanis Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa woggoota diigdama booda Arba’aa boruu gara Asmaaraa kan imalu tahuun beekameera. Imala jalqabaa kanaan namoonni 465 gara Eertiraatti imalu. Hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa waggoota 20f adda citee ture haaromsuuf hooggantoonni biyyoota lamaanii waliigalteewwan adda addaa mallatteessanii jiru. Haaluma kanaan prezdaant Isaayyaas Afaworqii daawa’annaa guyyoota sadi Itoophiyaa keessatti geggeesse raawwatee guyyaa kaleessaa gara Asmaraa deebi’uun duratti, muummicha ministeeraa  Dr Abiy Ahmad waliin sirna baniinsa Imbaasii biyyattii Finfinnetti argamuu irratti hirmaatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button