header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Emarsan Munangaagwaa Prezdantii Zimbaabwee godhamee muudame.

Emersan Munangaagwaa guyyaa har’aa  November 24, 2017 Magaalaa gudditti Zimbaabwee Haraaree keessatti, Kitaaba itti amanu qabatee biyya isaatiif kakatee aangoo fudhate.
Mr Munangaagwaan ji’a dabre keessa Prezdantii duraaniitiin  taayitaa irraa eega ari’amee booda gara Afrikaa Kibbaa baqatee kan ture yoo tahu, waraanni biyyattii jidduu seenee Roobart Mugaabeen taayitaa akka gad lakkisu gaafatuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan Paartiin biyya bulchaa jiru Zaanu-PF Robert Mugaabee buusuudhaan, Munangaagwaa hoogganaa paartichaa gochuun filate.
Kanuma hordofuun Munangaagwaaan Roobii dheengaddaa gara Zimbaabwe eega deebi’ee booda  guyyaa har’aa taayitaa Prazdaantummaa fudhatee jira. 
Roobart Mugaabeen Ajaja Waraana biyyattii fudhatee karaa nagayaatiin taaytaa waan gad lakkiseef, Maatii isaa wajjiin nagayaan akka Zimbaabwee keessa jiraatu hayyama kan argate tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button