header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Korri Waliigalaa Dhaabbata mootummoota gamtoomanii Khamiisa har’aatis itti fufee jira

Korri Waliigalaa UN dheengadda Niiwuyoorkitti jalqabame har’as kan itti fufe yoo tahu, Prezdaantii Bulchiinsa Falaxiin  Mahmuud Abbaas fi Muummicha ministeeraa Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu dabalatee hoggantoonni biyyoota hedduu haasaya godhaniiru.

 

Prezdaant Mahmuud Abbaas haasaya isaa keessaatti , labsii Traamp ” Jerusalem magaalaa guddoo Israa’el”jechuun baasee fi Ameerikaan Imbaasii gara Al-Qudsitti jijjiiruu kan balaaleffate yoo tahu, “Al-Qudsi /Jerusaleem hin gurguramtu”jechuun ejjannoo falasxiinotaa labse. “Ameerikaan murtii kana dabarsuu isiitiin carraaqqii kanaan duraa hunda balleessaa jirti waantaheef, labsii kana irra deebitee akka haqxu”jechuun gaafate.

 

Mahmuud Abbaas, haaluma walfakkaatuun labsii Israa’el  July darbe keessa “Israa’el biyya Yahuudotaati”jechuun baaste, labsii loogii sanyii fi jibbiinsaa Falasxiinotaatiin guutame jechuun balaaleffate. Prezdaant  Mahmuud Abbaas dararaa fi duguuggaa sanyii Israa’el Falasxiinota irratti raawwataa jirtu,dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti  manni murtii yakka addunyaa (ICC)n akka qoratuuf waamicha godhe.

 

Muummichi ministeera Israa’el haasaya isaatiin Iiraan irratti kan xiyyeefate yoo tahu, Iiraan dhokaasdhaan Niwukileerii gabbisaa jirti jechuun yakke. Neetaaniyaahuun “Mootummaa Iiraan kan biyya teenya dachii irraa balleessuuf yeroo hunda dhaadatu, Niwukilarii akka hidhatu carraa hin kenninuuf”jechuun dubbate. Prezdaantiin Iiraan Hasan Ruhaanii gama isaatiin guyyaa kaleessaa haasaya godheen, Ameerikaa fi Israa’el mootummaa Iiraan fonqolchuudhaaf sochiin godhaa jiran kan hin milkoofne tahuu akeekkachiise.

Kora UN1.jpg

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button