header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hooggaanaan partii mormituu Keeniyaa Filannoo prezdantummaa irratti kan hin hirmaanne ta’uu beeksise.

Raayilaa Odiingaa Paartii mormituu Keeniyaa bakka bu’uudhaan kaadhimama Prezadantii kan ture yoo tahu, Filannoo irra deebii Onkololeessaa 26 adeemsifamu irraatti kan hin hirmaanne tahuu labse. Ibsa guyyaa hardhaa waaree booda miidiyaaleef kenneen akka jedhetti, komishiiniin filannoo guutumaan guuttutti harka qondaaltota paartii Uhuruu keeniyaataa jalatti galeera. Filannoo sobaa irratti hirmaachuun kiyya biyyattidhaaf bu’aa hin qabu jedhe.
“Komishiiniin filannoo biyyattii akka haarayaatti ijaaramuu qaba, kanaafuu filannoo onkololeessaa 26 yaadame haquudhaan filannoo haarayaaf kaadhimamtoota galmeessuu qaba”jechuun komishinichaaf waamicha godhe. 
Mr Odingaan itti dabaluudhaan, Keeniyaan Heera haarayaa fi biyyaa parrtiilee hedduu qabdu akka taatu falmii cimaa geggeessineen mkirkaneeffanneera, ammas biyya filannoon haqa qabeessa keessatti geggeeffamu akka taatu ni falmina jedhe. Kanaaf ammoo guutuu biyyattiitti guyyaa boruu irraa jalqabee hiriira mormii kan yaame tahuu beeksise.
Gama biraatiin ammoo paartiin Uhuruu Keeniyaataa filannoon yaadame haaluma duraan murtaayeen itti fufa jechuun beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button