header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa dararaan Muslimoota Aksuum irra gahaa jiru akka dhaabbatuuf sagalee dhageessise

Guyyaa har’aa Salaata Juma’aa booda hawaasni muslimaa magaala Finfinnee Masjiida Nuuritti, dararaan muslimoota naannoo Tigraay magaalaa Aksuum irra gahaa jiru hatattamaan akka dhaabbatuuf, dhaadannoowwan gara garaa qabachuun kan gaafatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Muslimoonni magaalaa Aksuum Masjiida akka hin ijaaranne wanta dhoorkamaniif salaata Jum’aa fi Jama’aatis daandii irratti kan salaataa turan yoo tahu,  kaleessaa ammoo Kantiibaan magaalaa Aksuum aayyanni amantaa Ortoodoksii magaalattii keessatti wanta kabajamuuf Jum’aan har’aa akka hin salaatamne ajaja dabarsee ture. Haata’u malee muslimoonni magaalaa Aksuum ajaja kana diduun salaata Juma’aa kan salaatan tahuun beekameera.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button