header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mormiin lammiileen Suudaan mootummaa biyyattii irratti jalqaban akkuma itti fufetti jira

Lammiileen Suudaan kufaatii maallaqaa fi qaalayiinsa jireenyaa sababeefachuun mormiin torbaan tokko dura jalqaban kan itti fufe yoo tahu, mormiiin kun gaafii diinagdee irraa gara siyaasatti geeddaramuun,  mormitoonni prezdaant Umar Al-Bashiir taayitaa akka gad lakkisu kan gaafataa jiran tahuu gabaafame. Mootummaan biyyattii gaaffilee diinagdee deebisuudhaaf kan hojjaataa jiru tahuu ibsus, waldaaleen ogummaa biyyattii heddu mormii kanatti kan makamaa jiran tahuu gabaafame. Haaluma kanaan waamicha wldaan ogeeyyota fayyaa Suudaan godhe  hordofuun haakimootaa fi barattoonni ogummaa fayyaa Isniina dabre irraa eegalee, hujii fi barnoota dhaabuun mormii kan geggeessaa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Mormii ummataa kana too’achuudhaaf mootummaan Suudaan kutaalee biyyattii heddu keessatti labsii yeroo muddamaa kan baase yoo tahu, poolisoonni biyyattii mormitoota labsicha cabsuudhaan hiriira bahan irratti tarkaanfii humnaa kan fudhataa jiran tahuu gabaafame. Waldaan Haakimoota Suudaan akka jedhetti, December 19/2018 irraa eegalee lammiileen biyyattii 12 humnoota mootummaatiin kan ajjeefaman tahuu beeksise. Amnesty International gama isaatiin lakkoofsi namoota ajjeefamanii 37 akka gahe beeksise.

 

Mootummaa Suudaan mormii ummataa kana hordofuun hoggantoota siyaasaa, Aktiivistootaa fi gaazexeessitoota heddu kan hidhe yoo tahu, hoggantoonni dhaabbilee mormitootaa garuu ummanni biyyattii mormii jalqabe cimsee akka itti fufu yaamichaa godhaa jiran. Mormitoonni biyyattii Prezdaant Umar Al-Bashiir taayita waggaa 29 guutuu irra ture gad lakkisu qaba jechuun mormaa jiran.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button