header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

halleellaa Israa’el magaalaa Gaazaa irratti raawwatteen lammiileen Falasxiin lama ajjeefaman.

haleellaa Isaraa’eel xayyaara waraanatiin magaalaa Gaazaa irratti  Raawwatteen, yoo xiqqaate namoonni lama kan du’an tahuu ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksise. Haleellaa halkan kaleessaa raawwatame kanaan namoonni 25 tahan ammoo madaayaniiru. Haleella Isra’eel jidduu kana akka Falasxiinota irratti raawwataa jirtuun walumaa galatti namoonni 800 ol madaayaniiru.

Loltoonni Hamaas haleella Isra’eel kana hordofuun Rokkeetti Sadi gara iIsra’eelitti kan furguuggeessan yoo tahuu, rookeetiin haamaas dhukaase kun miidhaa kan hin dhaqqabsiisin tahuu gabaasni kun ni mul’isa. israa’eelis deebisaa kanaatiif Gaazaa Xayyaaraan haleeltee jirti.

Hogganaan Hamaas Ismaa’il Haniyyaa labsii Doonaald Traamp kana ilaalchisee yaada Aljaziira kenneen “murtiin Traamp Falasxiin irratti lola labsuudha. Ammas yoo tahe Ameerikaan labsii kana akka diigdu gaafanna; yoo kun tahuu bate dachii Falasxiin qofa osoo hin tahin, naannoon baha jiddu galaa guutumatti balaa hamaa keessa seenaa jira” jechuun akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button