header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree bakka bu’oota ummataa labsii beeksisa dhugaatii Alkoolii daangessu raggaasise

Manni maree bakka bu’oota ummata walgahii idilee hardha geggeesse irratti, wixinee Koreen dhaabbii dhimma dubartoota, dargaggootaa fi hawaasummaatiin qophaahe, akkasumas wixinee labsii koreen dhaabbii dhimma daldalaa fi Industirii, nyaataa fi qorichaa dhiheesse raggaasisee jira.

Wixineen mana marichaatii dhiyaate jidduu tokko, saa’aan beeksisni Alkoolii Raadiyoo fi Televizhiinota irratti dhiyaatu akka daangeffamu yaada jedhu kan of keessaa qabu yoo tahu, miseensoonni mana marichaatis wixinee kana irratti eega mari’atanii booda raggaasisanii jiru.

Haaluma kanaan, naannawa manneen jireenyaa, waajiraalee, dhaabbileen fayyaa fi dhaabbilee bashannana dargaggootaa argamanitti, fageenya meetira 100 irratti tamboo aarsuun kan dhoorkame yoo tahu, beeksisni oomisha Alkoolii kamiyyuu miidiyaalee biyyaatti irratti halkan sa’aa 5:00-12:00 keessatti qofa kan dhiyaatu tahuu labsame. Dabalataanis labsichi dargaggoota umrii 21 gad tahaniif Alkoolii gurgurruu kan dhoorku tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button