header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa, Ministeera Hajjii fi Umraa Sa’uUdii waliin mari’atuu gabaafame

Jilli Prezdaantii Majliisaa Muhammad Amiin Jamaaliin durfamu gara Sa’uudii imaluun, hujjaajota Ityoophiyaa ilaalchisee bay’ina hujjaajota, hujjaajonni gara Sa’uudii imaluun dura wantoota guutachuu qaban fi dhiheessii geejjibaa ilaalchisee, ministeera Hajjii mootummaa Sa’uudii waliin kan mari’atan tahuu odeeyfannoon fuula feesbuukii mana marichaa irraa argame ni mul’isa.

Waggoota dheeraaf hawaasni muslimaa biyya keenyaa baasiin sirna Hajjiitiif baasu guddaa tahus, tajaajilli argataa ture garuu gad aanaa turuun ni beekama. Sababa dadhabina majlisa Ityoophiyaatiin hujjaajonni biyya keennaa rakkoo hamaaf saaxilamaa kan turan yoo tahu, hawaasni muslimaatis maddi guddaan rakkoolee kanaa, hoggantoonni majlisaa aangoo irratti argaman kunniin warra fedhii ummataatiin hin filataminii fi akkasumas dhimmoota hawaasa muslimaa raawwachiisuuf dandeetti tokkollee kan hin qabne tahuu ibsataa turuun ni yaadatama.
#Majliisa #Hajjii_Umraa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button