header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Korri Koree Jijjiirama Dhaabbilee Hawaasa Muslimaa Bittoteessa 21 geeggeeffamuuf karoorfamee ture, dhiibbaa hoggantoota Majliisaatin akka dabarfamu godhamuu gabaafame

Koreen Jijjiirama Dhaabbilee hawaasa muslimaa baatii kudhan dura muummicha ministeraa Dr Abiy Ahmadiin dhimma hawaasa muslimaa irratti qorannoo geggeessuun rakkoo jiruuf furmaata akka kaa’u hundeeffamuun ni yaadatama. Haaluma kanaan koreen kun hujiiwwan barbaachisaan adda qoddaachuun hayyootaa fi ogeeyyata gara garaa dabalatee hujii isaa kan xumure tahuus baatii tokko dura ibsa kenneen beeksisee ture. Koreen kun ibsa isaa irratti, Korri Walii galaa eega geggeeffamee booda hujiin caasaa Majliisaa akka haarayaatti ijaaruu kan jalqabamu tahuu hime.

 

Haaluma kanaan Koreen Jijjiirama Dhaabbilee Hawaasa Muslimaa Bittoteeysa 21/2011 iddoo muummichi ministeera, Itti aanaan muummicha ministeera Obbo Dammaqe Mekonniin fi Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamil argamanitti , kora Ulamaa’onni fi namoonni 300 ol kutaa  biyyattii hunda  irraa dhufan irratti hirmaatan geggeessuuf karoorfatee qophii isaa xumuruu ibsee ture.

Haata’u malee hoggantoonni majliisa koree kana keessatti argaman,  walgahii koree kanaa yeroo adda addaa irratti argamuu dhabuun hojjii koreen kun hojjatu gufachiisaa kan turan yoo tahu, qaamota koree kanaan ala jiranii fi tokkummaa hawaasa muslimaa diiguuf socho’an waliin tahuun walgahiin kun akka hin molkoofne kan socho’aa turan tahuu maddeen nuf ibsan.

 

Dabalataanis gareen tokkummaa hawaasa muslimaa diiguuf socho’aa jiru kun hujii Koreen Jijjiirama Dhaabbilee Hawaasa Muslimaa dalagu fudhatama hin qabu jechuun, hawaasa muslimaa qoqqooduu irratti majliisa waliin nannolee heddu keessa socho’uun ummata kan burjaajessaa jiran tahuun beekameera. Haaluma kanaan hoggantoonni Majlisaa gama keennaan qophii barbaachisu waan hin xumuriniif guyyaan koraa yeroo biraatti akka dabru jechuun mootummaa kan gaafatan tahuun beekameera.

 

Dhuma irrattis koreen hawaasa muslimaa Korri guddaan kun yeroo karoorfametti akka geggeeffamuuf yaalii cimaa kan godhe tahus,gama mootummaatiin ammoo  “muummichi ministeeraa haala yeroo biyyattiin keessa jirtuun wal qabatee hujiin wanta itti baay’ateef,  Bittoteeysa 21/2011tti argamuu wanta hin dandeenyeef wal gahichi yeroo biraatti akka dabru”yaada jedhu kan dhiheesse tahuun beekamee jira. Haata’u malee guyyaan korri kun itti geggeeffamu yoom akka tahu hanga ammaatti wanti murtaahe hin jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button