header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Markazni Nuur Barattoota 180 Hifzii Qur’aanaatiin Eebbisiise

Markazni Hifzii Qur’aanaa Nuur Godina Bunoo Baddallee magaalaa Coorraatti kan argamu yoo tahu, guyyaa kaleessaa April 7/2019 barattoota 180 kanneen hifzii Qur’aanaa barsiisaa ture eebbisiise.

 

Sagantaa eebbaa kana irratti Ulamaa’onni gurguddoon godina Jimmaa, Wallaggaa, Shashamannee fi Iluu Abbaa Boor irraa argamanii jiru.

 

Markazni Nuur akka markazoota biroo iddoo barattoonni jiraatan ( Dormii) fi tajajila adda addaa kan hin qabne yoo tahu, baratoonni Kutaa biyyaatti adda addaa irraa dhufan hawaasa naannichaa irratti irkatuun kan baratan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.  Markazni Nuur waggoota diigdamii jahan dabran keessa marsaa 26 barttoota hifzii Qur’aanaatiin kan eebbisiise tahuunis beekameera.

 

Yeroo ammaa Markaza kana ol guddisuuf koreen Markazichaa hawaasa waliin marii godhaa jiraatuus odeeyfannoon ni ibsa.

2 Comments

  1. qophiin keessan gaariidha haaluma kanaan itta fufa

  2. masha Allah diini keenya rabbin ol haaqabu kanati ansudhan midiyan NH wa’ee oromimaa keesa jiruu takka takkan funaane qilleessarra olchaa jirtan wa’een godina wallo kun maalif isinitti hin dhagahamin wa’een oromo wallo oromumma isaatifi Amanttuma isaatif gaga’ama gudda keessa jira midiyaan akka biyyati mitii akka Adunyaatti abdatamu kana garuu maaltu akka isin midate hin beyne

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button