header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Konfiransiin Nageenya fi Tokkummaa Magaalaa Chaagniitti gaggeeffamuuf ture  hoggantoonni Majliisaa akka hin geggeeffamne kan yaalaa jiran tahuu gabaafame

Konfiransiin mata duree Nageenya fi Tokkummaa jedhuun guyyaa har’aa naannoo Amaaraa magaalaa Chaaginii masjiida Al-Rahmaanitti geeggeeffamuuf karoorfame kan ture yoo ta’u,  hoggantoonni majliisa naannichaa konfiransiin kun akka hin geggeeffamne qondaaltoota mootummaa waliin shira xaxaniin akka haqamu kan yaalaa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Qopheessitoonni Konfiransii kanaa dursuun qaamoota nageenya fi waajjiraalee mootummaa dhimmichi ilaallatuuf xalayaa erguun kan beeksisanii turan tahus, manni marii dhimmoota Islaamaa naannoo Amaaraa odeeyfannoo dharaa qamoota mootummaatiif keennuun akka dhorkamu yaalii kan godhan ta’uun beekameera.

 

Kanuma hordofuun Khamisa kaleessaa Ulamaa’onni fi Ustaazonni konfiransii kana irratti affeeraman,  itti gaafatamaa Biiroo Nageenya naannichaa kan ta’e Obbo Asaamminoo Tsiggee  kan dubbisaan yoo tahu, “rakkoo uumamuuf itti gaafatamummaa hin fudhannu”jechuu isaatiin sagantichi akka haqamu jedhamee ture.

 

Haa ta’u malee qopheessitoonni sagantichaa fi ulaamaa’onni sagantaan kun haaluma karoorfameen akka geggeeffamuuf, qaamota mootummaa sadarkaa hundarra jiran waliin kan mari’ataa jiran tahuu Odeeyfannoon boodarra nu dhaqqabe ni addeessa.

 

Ulamaa’ota fi Ustaazota magaalaa Finfinnee irraa sagantaa kana irratti hirmaatuuf gara naannicha imalan jidduu:

 

Dr Jeylan Khadiir

Sheikh Sa’id Ahmad Musxafaa

Sheikh Muhammad Haamiddiin

Sheikh Hamiid Muusaa

Ustaaz Kaamil Shamsuu

Ustaaz Yaassin Nuuruu fi keessummoonni birootis jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button