header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni Marii Waraana Suudaan fi Paartiileen Siyaasa biyyattii mootummaa ce’umsaa qaamota hunda hammatu hundeessuuf  walii galan

Waraanni Suudaan March11/2019 prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir taayitaa irraa fonqolchuun, hanga filannoon geggeeffamutti mana marii waraanaa waggaa lamaaf biyya bulchu hundeessuu labsee ture. Haata’u malee lammiileen biyyattii labsii kana mormuun waraanni aangoo biyya bulchuu humnaan qabate, mootummaa ce’umsaa siviilotaan hogganamuuf dabarsee akka kennuu gaafataa turan.

 

Haaluma kanaan manni marii waraana Suudaan fi gamtaan paartiilee mormitootaa marii guyyaa kaleessaa geggeessaniin, mootummaa ce’umsaa qaamota hunda hammate hundeessuuf kan walii galan tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee Waraanni Suudaan mana marii mootummaa ce’umsaa hundaayu keessatti gaheen ol’aanaan akka kennamuuf kan gaafataa jiru tahus, gamtaan mormitoota ammoo yaada kana hin fudhanne.

Haaluma kanaan lakkoofsa bakka bu’oota waraanaa fi siviilotaa mootummaan ce’umsaa hammatuu qabu murteessuuf,  akkasumas dhimmoota hafan kanneen biroo irratti mariin Alhada har’aatis kan itti fufe tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

Gama birootiin ammoo Gamtaan Paartiilee mormituu Suudaan “manni marii waraana Suudaan baatii sadi keessatti aangoo mootummaa siviilotaaf dabarsee akka kennu”jechuun yaadaa Gamtaa Afrikaa irraa dhihaate kan hin fudhanne tahuu ibse. Hogganaan  National Umma Party Sadiq Al-Mahdi ibsa kenneen, ” gorsa Gamtaa Afrikaa hin barbaadnu, waraanni Suudaan dhimma biyya keenyaa tasgabbii fi malaan geggeessuu qaba”jedhe. Gamtaan Afrikaa Arba’aa dabre dhimma Suudaan irratti wal gahii ariifachiisaa Kaayiroo keessatti geggeessee ture.

Mana marii waraana Suudaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button