header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Xiyyaarri imaltoota Hajjii fe’atee bahuuf ture rakkoo teeknikaa muudateen haga ammaa Ityoophiyaa irra kan hin bahin tahuu beekame

Isniina dabre sagantaan geggeessaa imaltoota Hajjii iddoo hoggantoonni mana marii dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa fi Ambaasaadarri Sa’uudii argamanitti geggeeffamuu akkasumas imalli Hujjaajotaa marsaan duraa jalqabamuu ibsame ture.

Hata’uu malee imalli guyyaa kaleessa Xiyyaara SV 420 kan qabeenya Daandii Xiyyaara mootummaa Sa’uudii taheen godhamuuf ture, rakkoo teeknikaa muudateen xiyyaarichi hanga ammaatti kan hin bahin tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Kaleessa galgala Hujjaajoonni waan isaan irraa eegamu hunda guuttatuun buufata Xiyyaara Booleetti kan argaman tahus, rakkoo xiyyaarichamuudateen hujjaajonni achuma buufata Xiyyaara keessatti rakkataa jiraatuu gabaafame.
Gama birootiin ammoo hujaajjonni guyyaa 4 dura Finfinnee irraa bahan nagayaan Madiina akka gahan akkasumas hardha gara Makkaa kan imalaa jiran tahuun beekamee jira.

Hujajoota

8 Comments

  1. rabbiin nagayaan haadhaabu. kan achigayes rabbiin irraa qeebalee nagayaan maatii isaaniitti haadeebisu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button