header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Balaa ibiddaa Laaybeeriyaa keessatti muudateen barattoonni hifzii Qur’aanaa 27 ol du’uu gabaafame

Balaa mana barnoota hifzii qur’aanaa magaalaa Monoroobiyaa irraa kilomeetra 11 qofa fagaatee argamu keessatti halkan edaa muudateen, barattoonni 27 du’uu poolisiin biyyattii Arba’aa har’aa beeksise. Dubbi himaan poolisii biyyattii Moses Carter akka ibsetti, ibiddi halkan wal-qixxee gamoo bultii barattootaa fi masjiidatti qabate kanaan, Imaamaa fi barattoota lama qofatu lubbuun bahe jedhe. Dabalataanis barttoonni balaa kanaan du’an ijoollee umriin isaanii 10-20 tahuu ibsame.

Mootummaan biyyattii akka jedhutti, sababni balaa kanaa rakkoo sarara elektrikaa irraa ka’e shakkiin jedhu akka jiruu fi ammas qorannoon dabalataa kan geggeeffamaa jiru tahuu ibsame.
Prezdaantiin biyyattii Joorji Wihaan har’a iddoo balaan kun itti muudate dhaquun kan daaw’ate yoo tahu, “balaa hamaa mana barumsaa keessatti lubbuu barattoota keennaa nurraa galaafate kanaan gaddi guddaan natti dhagahamee jira”jechuu isaa AP’n gabaase. Prezdaant Wiihaan sababaan balaa kanaa gadi fageenyaan akka qoratamu ajaja kan dabarse tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Balaa Ibidaa Laaybeeriyaa1

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button