header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen barnootaa mootummaa keessatti barattoota kuma 300’f nyaata dhiheessuuf qophii xumuruu beeksise

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsa baaseen akka jedhetti, bara dabre bulchiinsi magaalattii barattoota kuma 70 qofaaf nyaata dhiheessaa kan ture yoo tahu, bara barnoota 2012 keessa barattoota kuma 300’f guyyatti yeroo lama nyaata dhiheessuuf bajatni kan qabame tahuu beeksise.

 

Sagantaa barattootaa nyaata dhiheessuu kanaan wal qabatee haawwan kuma10 ol tahaniifis, carraan hojii kan banamu tahuu ibsame. Sagantaa kana bajata bulchiinsi magaalattii ramadeen alattis, dhaabbileen idil addunyaa irratti kan hirmaatan tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Kaayyoon barattootaaf nyaata dhiheessuu kun ijoolleen maatii harka qalleeyyii, rakkina nyaataa irraa kan ka’e barnoota isaanii irratti dhiibbaa dhufu hambisuu, kunis qabxii barattoota manneen barnoota mootummaa keessatti baratanii fooyyeessuf kan gargaaru tahuu ibsichi ni addeessa.

 

Dabalataanis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara kana, dhaabbilee daldalaa fi hawaasummaa waliin tahuun, barattoota manneen barnoota mootummaa keessa jiran kuma 600,000 ol tahaniif, uffata yuniiformii barattootaa fi barruulee fi meeshaalee barnoota kan biroo bituun kan qoodaa jiru tahuu beekamee jira.

Sagantaa nyaataa

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button