header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Lubnaan labsii gibiraa fi qajeelfama diinagdee mootummaan haarayatti baase mormuun hiriira geggeessaa jiran

Lammiileen Lubnaan labsii gibira dabalataa mootummaan Appilikeeshinota tajaajila wal qunnamtii kennan, kanneen akka whatsApp ilaalchisee baase mormuun, khamiisa dabre daanditti kan bahan  yoo tahu, kanuma hordofuun mootummaan labsicha haquu beeksisee ture. Haata’u malee mormitoonni “qaalayiinsa jireenyaa hammataa dhufe fooyyeessuuf qajeelfamni diinagdee mootummaan hordofu walumaa galatti dogongora waan taheef, mootummaan guutumatti aangoo gadi lakkisuu qaba”jechuun mormii guyyaa afur dura jalqan hanga Alhada har’aatti kan itti fufan tahuu gabaafame.

 

Mootummaan biyyattii liqiin biyyoota alaa irraa fudhate doolaara Biiliyoona 86 ol kan dhaqqabe yoo tahu, kun immoo galii biyyattiin waggatti argattu 150% oliin kan caalu tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Haaluma kanaan mootummaan biyyattii gama tokkoon kaffaltii idaa raawwchuu dadhabuun, gama birootiin ammoo qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe foyyessuu dadhabuun danqaa hamaa keessa kan gale tahuu ibsame.

 

Mootummaan mormii ummataa kana qabbaneessuuf ibsa gama Ministeera Maallaqaatiin baaseen, daballii gibiraa hambisuun bajata haaraya kan qopheesse tahuu beeksise. Haaluma wal fakkaatuun muummichi ministeera Lubnaan Sa’ad Haririi, qondaaltonni mootummaa biyyattii hundi karoora bulchiinsa isaa kana akka deeggaran gaafate. Haata’u malee Ministeera hojjattootaa dabalatee ministeeronni mootummaa biyyattii afur karoora harayatti bahe kana mormuun aangoo gadi lakkisanii jiran.

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button