header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaa keessatti namoota gurmaayanii lubbuu namaa fi qabeenya balleessan jidduu 68 too’annaa jala oolfamuu ibsame

Hiriira mormii godinaalee Oromiyaa keessatti guyyoota dabran geggeeffamaa ture hordofuun, gareewwan gurmaayan magaalota Oromiyaa heddu keessatti jeequmsa amantaa kaasuuf yaalaa turuu gabaasuun keenna ni yaadatama. Haaluma kanaan Magaalaa Adaamaa keessatti gareewwan dursanii jeequmsaaf qophaayan yakka sukkanneessaa raawwataniin Masjiida diiguu fi lubbuu namaa kan galaafatan yoo tahu, namoota balaa kana raawwatan jidduu 68 too’annoo jala ooluu kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Assaggid Geetaachaw OBNtti hime.

 

Obbo Assaggid akka jedhetti, gareewwan dursanii of gurmeessan hiriira karaa nagayaatiin magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa ture jidduu seenuun, ummata amantii fi sabaan walitti buusuuf yaalii godhanii akka turan ibsuun, namoota kenneen jidduu 68 too’annaa jala kan oolfaman tahuu ibse. Warri too’annoo jala oolfamaan kun kanneen nama ajjeesan, kanneen saamicha irra turan, kan Masjidaa diigan fi akkasumas abbootii amantaa osoo rakkoon tokko hin uumamin Dawalii bataskaanaa rukutuun ummata kakaasuuf yaalan kan keessatti argaman tahuu ibsame.

 

 

Rakkoon kun bu’uura irraa furamee tasgabbiin amansiisaa ta’e magaalaa Adaamaatti akka dhufuuf,  Alhada boruu ummata, abbootii Gadaa, abbootii amantaa fi jiraattota waliin mariin guddaan kan geggeeffamu tahuus kantibaan magaalaa Adaamaa beeksise.

 

 

 

2 Comments

  1. Shekonii islaama hundii maa calisuu kan na dhibee kanaa ??malif sodatuu baraa maraa seraa jedhan hojiin hin argisaani.akaa jaraa.guyaa takaa tabonii jaraa hin gubaanee !!!!!!!! yaa qeroo islaama warii biyaa keesaa ka,aa diniini tumsaa ????🔔🔊🔊🔊🔊🕌🕌🤺🤺🤺🤺🤺

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button