header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoomaan awwaannisaa Godina Harargee keessatti lafa midhaanii heektaara kuma 12 ol irra qubate.

Hoomaan awwaannisaa kun Godinoootaa Harargee Bahaa fi Lixaa aanaalee 11, Gandoota 143 keessatti kan muudate yoo ta’u, hanga ammaatti lafa heektaara kuma 12 fi 530 irra kan qubate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa akka jedhutti ammoo, hoomaa awwaannisaa kana too’achuuf carraaqqii hanga ammaatti bifaa aadaatiin, akkasumas humna namaa fi xiyyaaraan keemikaala biifuun hojii hojjatameen, hoomaa awwaannisaa naannichatti muudate keessaa 77% too’atamee jira jedhe.

Biiroon Qonna Oromiyaa itti dabaluudhaanis, hoomaan awaannisaa kun aanaalee fi godinaalee birootti akka hin babal’anneef, hawaasni bifa aadaatiin ofirraa ittisuuf dammaqinaan eeguu qaba jechuun akeekkachiise. Kunis naannoo hoomaan awwaannisaa mul’atetti aara itti aarsuu fi sagalee guddisanii dhageessisuun naannicha irra baqachiisuun kan danda’amu tahuu ibsame.

Homaan awwaannisaa kun torbee dabre keessa naannolee Tigraay fi Affaar keessattis miidhaa kan dhaqabsiise tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button