header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan Ityoophiyaa wixinee labsii haasaya jibbiinsaa fi odeeyfannoo sobaa too’achuu ilaallatu irratti mari’ate

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 5ffaa har’a kan gaggeesse yoo ta’u, wixinee labsii odeeyfannoo sobaa fi haasaya jibbiinsaa too’achuuf bahe irratti eega mari’atee booda, koreewwan dhaabbii dhimmi ilaallatuuf kan dabarse tahuu ibsame.

Wixinee labsii kana keessatti haasaya jechuun maal jechuu akka ta’e, akkasumas haasaya jibbiinsaa fi odeeyfannoon sobaa maal akka ta’e kan ibsame yoo tahu, dabalataanis dhimmoonni akka dhoorkaatti kaahamanii fi raawwiin seeraa maal akka ta’es eeramee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Miidiyaa hawaasummaa, broodkaastii fi miidiyaalee maxxansaa irratti yakki haasaya jibbiinsaa maal akka ta’e, akkamiin itti gaafatamaaf akka nama saaxiluu fi gosoonni adabbiitis kaahamanii jiru.

Miidiyaa hawaasummaa irratti namoonni fi dhaabbileen hordoftoota kuma 5 ol qaban odeeyfannoo sobaa fi jibbiinsaa itti yaadanii yoo tamsaasan, hidhaa hanga waggaa 3 yookin ammoo Birrii kuma 10 kan adabaman tahuu eerame. Odeeyfannoo tamsa’een sodaa yookin jibbiinsa uumuuf kan yaale ammoo hidhaa waggaa 5 kan adabamu tahuu kaahame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button